.

Seenaa Gabaabaa Hundeeffama Komishinii Poolisii Oromiyaa

Naannoon Oromiyaa naannoo Tigraayitiin alatti naannoolee hafan hundumaa waliin kan wal-daangessitu yemmuu ta’u, bal’inni lafa ishee iskuwer kiloo meetira 363,136 kan ta’e, naannoo uumamaan badhaatee fi jireenyaaf mijataa kan taate yemmuu ta’u, godinaalee 20, bulchinsa Magaalaa 16, Anoolee 349 fi gandoota 7,262 tiin kan caaseeffamte akkasumas uummanni baay’inni isaa miliyoona 35 ol ta’u kan keessa jiraatudha. waa’ee naannoo keenyaa hagana erga jennee gara ijoo dubbii ka’uumsa barreeffama keenyaa kanaatti waliin haa ceenu. Dubbisa gaarii!

Seenaa Gabaabaa Hundeeffama Komishinii Poolisii Oromiyaa

Naannoon Oromiyaa naannoo Tigraayitiin alatti naannoolee hafan hundumaa waliin kan wal-daangessitu yemmuu ta’u, bal’inni lafa ishee iskuwer kiloo meetira 363,136 kan ta’e, naannoo uumamaan badhaatee fi jireenyaaf mijataa kan taate yemmuu ta’u, godinaalee 20, bulchinsa Magaalaa 16, Anoolee 349 fi gandoota 7,262 tiin kan caaseeffamte akkasumas uummanni baay’inni isaa miliyoona 35 ol ta’u kan keessa jiraatudha. waa’ee naannoo keenyaa hagana erga jennee gara ijoo dubbii ka’uumsa barreeffama keenyaa kanaatti waliin haa ceenu. Dubbisa gaarii!

Poolisiin naannichaa heera biyyattii

 

Poolisiin naannichaa heera biyyattii fi naannichaa irratti bu’uureeffachuun nagaa fi nageenya naannichaa mirkaneessuun ol’aantummaa seeraa kabajee kabachisuun uummanni naannichaa nagaan bahe nagaan galuun jiruuf jireenyasaa rakkoo nageenyaa tokko malee akka dhandhamatu taasisuuf dhaabbata labsiidhaan bara 1985 baatii Onkoololeessa keessa hundeeffameedha.

128Poolisiin Oromiyaa kaayyoo uummatummaa qabatee ka’e kana galmaan gahuuf yeroo jalqabaaf humna namaa 5,152, konkolaataa 7 fi raadiyoo qunnamtii 7 qofa qabatee ture gara hojiitti kan seene. Akka bal’inaa fi baay’ina uummataatti naannichaatti humni poolisii fi loojistiksiin ture kun kaayyoosaa galmaan gahuuf gahaa waan hin taaneef yakkawwan sababa adda addaatiin haala wal-xaxaa ta’een raawwataman ittisuun nageenya naannichaa haala itti fufiinsa qabuun dhugomsuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf yeeroodhaa gara yeerootti dhawaata dhawaataan humna miseenasa fi gaggeessaa baay’inaaniis ta’ee ga’uumsa ogummaatiin cimsuu fi meeshaalee ammayyaa hojii kanaaf barbaachisan guuttachuu eegale.

Haaluma kanaan gama humana namaa horachuutiin yeeroo jalqabaaf bara 1985 keessa magaalaa Jimmaa fi Adaamaatti gaaddisa mukaa jalatti leenjii guyyootii muraasaa hanga baatiiwwaniin lakkaawamanitti kennuun miseensota haarawaa horuu kan jalqabe poolisiin naannichaa yeeroodhaa gara yeerootti keessoosaa cimsaa dhufuusaatiin yeeroo ammaa abbaa wiirtuu leenjii poolisii tokkoo fi kolleejjii poolsii tokkoo ta’uudhaan miseensota poolisii idilee marsaa 1ffaa hanga 24ffaatti wiirtuu leenjiisaa poolisii Oromiyaa Sanqallee fi Laga-Daadhiitti akkasumas miseensota dippiloomaa fi isaa ol qaban uummata keessaa filuun ofisaroota kominitii poolisiingii marsaa tokkoof Kolleejjii Poolisii Oromiyaatti leenjii’aanii gara hojiittii akka bobba’aan taasisuun humnasaa yeeroodhaa gara yeerootti cimsachaa dhufee jira;yeroo ammaas Qondaaltota poolisii marsaa 2ffaaf leenjisuurratti argama.

Gama biraatiin immoo miseensota baay’inaan

Gama biraatiin immoo miseensota baay’inaan horuun qofti bu’aa dhaabbaticha irraa barbaadamu fiduu waan hin dandeechifneef miseensotaa fi gaggeessitoota dandeettii fi ga’uumsa gahaa qabaatanii uummata keessaa bahan hanga aarsaa lubbuu kanfaluun haqaa fi gahumsaan tajaajiluu danda’an uumuuf leenjiwwan gaggabaaboo adda addaa sadarkaa naannoottis ta’ee sadarkaa Poolisii Feedaraalaatti akka argatan gochuun akkasumas miseensonni hedduun sadarkaa sartafikeetii irraa hanga digrii 2ffaatti kolleejjiiwwanii fi yunivarsiitiiwwan mootummaa fi miti- mootummaa adda addaa biyya keessaa fi biyya alaatti carraa barumsaa argatanii akka baratan gochuun humana ogummaa fi beekumsaan ammayyaa’e akkasumas poolsii uummanni kan kootii jedhee amanee itti siqee wajjiin hojjachuu danda’u uumuuf hojii bal’aa hojjatameen ittiin milkaa’uun danda’aameera.

Haaluma kanaan meeshaalee adda addaa ammayyaa hojii kanaaf barbaachisu ilaalchisee guutumaan guutuutti hanga barbaadamuutti guutameera jechuu baannus meeshaalee teknooloojii haarawaa guutamaniin deeggaramee hojjachuf hanga humni mootummaa danda’etti bittaadhaa fi deeggarsaan yeroodhaa gara yerootti guuttamaa dhufuusaatiin isa kanaan duraa caalaa fooyya’iinsi guddaan yeroo ammaa jira jechuun ni danda’aama. Fkn qorannaan teeknikaa kan itti qoratamu kan akka qorannaa sanadaa, gubiinsa ibiddaa fi meeshaa waraanaa itti gaggeeffamu meeshaalee laabraatorii foransikii adda addaa birrii 9,412,532.00 tiin bituun kanaan dura poolisii Feedaraalaawaa qofatti kan qoratamaa ture yeroo ammaa naannoon keenya of danda’ee gara hojiitti seenuusaatiin kanaan dura bu’aa qorannaa kanaa argachuf baatii hedduu kan fudhataa ture guyoota lamaa fi sadi keessatti kan raawwatamaa jiru ta’uusaa kaasuun ni dand’ama.

Lojaastiksii Komishinii Poolisii Oromiyaa Eessaa Garamitti?

Lojaastiksii Komishinii Poolisii Oromiyaa Eessaa Garamitti?

Nageenya amansiisaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuun ol’aantummaa Seeraa kabachiisuu fi guddina misoomaa arifaachisaa biyya tokkoo galmeessuu keessatti gahee fi shoorri loojastiksii iddoo guddaa kan kennamuufdha. Komishinii Poolisii Oromiyaa Onkolooleessa bara 1985 bifa haarawaatiin hundeeffamee naannorraa hanga aanaa fi buufaataatti caaseffamasaa diriirsuun humna namaa 5,152, konkolaataawaan moofaa duubatti hafoo durdurii 7 fi  raadiyoo qunnamtii 7 qofa qabateetiidha tajaajiila kennuu  kan jalqabe.

Akka bal’inaa fi baay’ina uummataa naanichaatti humni poolisii fi loojistiksiin ture gahaa waan hin taaneef yakkawwan sababa adda addaatiin haala wal-xaxaa ta’een raawwataman ittisuun nageenya naannichaa haala itti fufiinsa qabuun mirkaneessuu fi ol’aantummaa seeraa kabachiisuuf rakkoon ture  salphaa miti.Kanaaf,  Komishinichi kaayyoo hundeeffamasaa galman gahachuuf dhawaata dhawaataan humna miseensaa fi gaggeessaa baay’inaanis ta’ee ga’uumsa ogummaatiin cimsuu fi meeshaalee ammayyaa hojii kanaaf barbaachisan guuttachuuf deeggarsa uummaataa, abbootii qabeenyaa fi xiyyeeffannoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa kenneen bajatni gahaa ta’e ramadamee hanqinni fi rakkoon gama loojastiksiitiin ture hanga tokko fala argachaa kan dhufee fi keessumaayyuu bara bajataa 2006 irraa kaasee hanga ammaa bara 2009tti konkolaataawwan ammayyaa’aa adda addaa kumaatamaan lakkaa’aman birrii biliyoonaa hedduudhaan bitamee tajaajila hojii barbachisuuf akka ooluu ta’eera.


 Haaluma kanaan konkoolaataan ammayyaa’aa fincila ykn kora fashaleessuuf tajaajilu bitamee tajaajila kennaa kan jiruu fi Konkolaatawwan adda addaa Komishinii kaasee hanga Aanaatti guutuuf carraaqqiin jiru jajjabeessaadha, keessattuu bara baajataa 2006-2007 keessattii gaaffii poolisii komishinichaatiif mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun deebii kenneen konkolaataawwan ammayyaa yeroo waliin deeman adda addaa bitamanii komishinicha harka kan galan yemmuu ta’u, balaa tiraafikaa xiqqeessuudhaafis hubannoo uumuu cinaatti meeshaa ammayyaatiin too’annaa cimsuun barbaachisaa waan ta’eef meeshaalee ammayyaa kan akka Raadaarii ariitii too’atuu fi meeshaa Alkool teestarii konkolaachistoota dhugaatii dhuganii konkolaataa konkolaachisan kan ittiin too’atamu Godinaalee fi Magaalota balaan tiraafikaa itti baay’atu muraasa keessattii hojiirra akka oolan ta’eera,bakka biroottis babal’isuuf itti yaadamaa jira.

Gama biraatiin odeeffannoon hojii pooliii keessattii iddoo ol’aanaa waan qabuuf meeshaalee Raadiyoo qunnamtii boodatti hafaa ta’an keessaa bahuun meeshaalee Raadiyoo qunnamtii ammayaawaa ta’aniin fayyadamuun danda’ameera. Kallattii barbaadameen Kaayyoo uummatummaa qabatee ka’e kana galmaan gahuuf kanaan kan hin dhaabbannee Poolisiin Oromiyaa, hojimaatasaa sadarkaa sadarkaadhaan akkaataa qabatamaa haalli yeroo gaafatuun wal-simsiisaa deemuun bu’aa qabeessa ta’uuf kallattii adda addaatiin hojiilee ittiin milkaa’e hedduu hojjateera, hojjachaas jira.

Misooma, dimokraasii fi guddina biyyattiif barbaachisu haala itti fufiinsa qabuun milkeessuuf hirmaannaa ykn qooda fudhannaa uummataatiin alatti gonkumaa akka hin yaadamne dursee waan hubateef, godinaaleerraa kaasee hanga gandaatti tajaajila Poolisii hawaasaa (kominiitii Poolisiingii) hojiirra oolcuun hawaasa naannichaa adda addaa garee, goxii fi manaa manatti boordii nageenyaa fi raayyaa nageenyaatiin ijaaruun barumsa kennuun hubannoo ittisa yakkaa fi nageenya tiraafikaa uumuun keessumaa abbootiin amantaa fi jaarsoleen biyyaa kana keessatti gahee olaanaa akka taphatan gochuudhaan hawaasichi matumasaatiin bakkuma jirutti yakka jibbee dursee ittisuudhaan nageenya naannoosaa akka kabachiisuu fi balaa tiraafikaa irraa akka of eegu godhamuusaatiin ittiin milkaa’uun danda’ameera.

Ka’uumsawwan yakkaa adda baasuun

Ka’uumsawwan yakkaa adda baasuun maddasaanii irraa gogsuuf hojiiwwan hojjataman keessaa akka fakeenyaatti otoo hin tuqamiin kan bira hin darbamne keessaa dargaggoota hojii yakkaa irratti bobba’anii turan gurmeessuudhaan hojiitti bobba’anii bakka tokko tokkotti yakka akka ittisan gochuu cinaatti, abbaa hojii mataasaanii ta’anii of danda’anii misooma biyyattii keessatti gaheesaanii akka bahan gochuuf hojiin hojjatame hirmaannaa uummataa daran babal’isuu kan dandessiseedha, sababa kanaanis bu’aan argame, hawaasichi hubannoon balaa tiraafikaa fi yakkaarratti qabu yeroo kamiyyuu caalaa dabaluusaatiin sodaa tokko malee yakkamtoota saaxiluu, eruu fi ragaa ta’uu jalqabuusaa, fedhiin uummanni poolisii waliin hojjachuuf qabu dabaluusaa fi walitti dhufeenyi poolisii fi uummatichaa ciimaa dhufeera.

Tajaajila poolisii hawaasaatiin yakkaa fi balaa tiraafikaa ittisuu bira darbamee namoota harka qalleeyyii ta’an gargaaruun jalqabamunsaa, uummanni matumasaatiin waajjira poolisii ijaaruu fi maateeriyaalii barbaachisaa ta’an adda addaa guutuu jalqabuunsaa bu’aawwan argaman keessaa isaan muraasa.

Gama biraatiin Poolisiin Oromiyaa dhaabbatasaa keessatti ilaalcha loogiin, wal-beekumsaan, firumaan hojjachuu fi kiraa sassaabdummaa irratti qabsaa’uuni fi hojimaata boodatti hafaa hanbisuun bulchiinsa gaarii caasaaleessaa keessatti dagaagsuudhaan, kenniinsa tajaajilasaa qulqulluu, si’aayinaa fi iftoomina qabu maamiltootasaaf haala quubsaa ta’een kennuuf rifoormiiwwan adda addaa kan akka sagantaa siivil sarvisii, jijjirama bu’uura adeemsa hojii (JBAH), sirna madaallii bu’aa tarsimo’aa ( BSC ) fi raayyaa nageenyaa ( tokko shanee )hojiirra olchuuf hubannoo miseensotaa yeroo yeeroon cimsuun lafa qabsisuuf hojiin hojjatamee fi  hojjatamaa jiru kan nama jajjabeessuudha. kuniis walitti dhufeenyi gaarii poolisii fi uummataa yeroodhaa gara yerootti akka cimaa dhufu tasiseera; abbaan dhimmaa deddeebi’iinsa tokko malee battalumatti dhimmasaa xumursiisuun tajaajila kennamuun akka gammadu ta’aa jira, gama qoranaatiinis  yakkamtoonni harkaa fi harkatti qabaman “RTD” dhaan battalumatti adabbii seeraa akka argatan ta’uusaatiin  raawwattoonni yakkaa raawwii yakarraa akka of qusatan gochuun danda’ameera. Abbaan alangaa fi qorataan poolisii walumaan akka qoratan ta’uusaatiin abbaan dhimmaa akka hin deddeebine ta’ee jira.

Nageenya naannichaa fi ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu

Nageenya naannichaa fi ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf yeroo kamiyyuu caalaa qindoomina hawaasaa fi qaamolee nageenyaa gar-biroo waliin ta’uun ciminaan hojjatamaa jira. Gama muuxannoo gaggaarii babalisuutiinii fi hubannoo uumuutiin hojiiwwan gaggaarii  hojjatamanii beekumsaaf, akeekkachisaa fi muuxannoof ta’an adda baasuudhaan keessumaa   karaa miidiyaa maxxansaatiin barruulee, biroosharii fi pampileetii kkfniin akkasumas sagantaa Raadiyoo fi Tv. Poolisii Oromiyaatiin fayyadamuun dabarsuudhaan, gama biraatiin ayyaanoota uummataa waliin kabajuun ergaa mootummaa wayitawaa dabarsuunii fi marii uummataa gaggeeffamurratti argamuun muuxannowwan gaggaarii jiru Godina tokkorraa gara godina birootti babalisuun hojiin hojjatame hirmaachisummaa uummataa cimsuudhaan, haawaasa yakka jibbee ittisu uumuun Poolisii cinaa hiriirsuu keessatti gaheesaa bahuun bu’aa qabeessa ta’uu danda’eera. 

Go to top