Yaad-rimee ‘poolisii hawaasaa’ (kominitii poolisiingii) bara 1829 A.L.A, yeroo poolisiin haammayyaa Magaalaa London hundeeffamu hoogganaa poolisii magaalichaa kan ture Sar Roobart Piiliin kan burqeedha. Sar Roobert Piil ‘poolisiin uummata, uummannis poolisii dha’ jechuun yaada poolisummaa hawaasaatiif ka’umsa ta’e kana kan ibse yoo ta’u, yaadni kun akka hojimaataa fi tooftaa poolisii taasifame sirriitti hojiirra ooluu kan eegale garuu bara 1979 erga Herman Goldsteyin yaadicha bal’isuun gara poolisummaa rakkoo hiikuu bu’ureefatetti ceesiseen booda ture.
Bara 1980 dura baroota turan keessatti keessumaayyuu Ameerikaa Kaabaatti yakki haalaan baay’ataa dhufuu isaarrayyuu rakkooleen hawaasaa fi jeequmsi sadarkaa ol’aanaan haammataa dhufe. Yeroo sanatti humni poolisii hojimaata barmaatilee keessa jiru rakkoolee kana kophaasaa to’achuu fi hiikuu akka hin dandeenye qabatamaan mirkanaa’aa waan dhufeef baroota 1980n keessa yaadni fi tooftaan harawaan tajaajila poolisii akka hojiirra oole ragaaleen ni mul’isu. Tajaajilli poolisii haarawaan kunis tajaajila ‘poolisummaa hawaasaa’ ykn kominiitii poolisiingii isa jedhamuudha. Ka’umsi yaada kanaa hojiin poolisii kamiyyuu keessumaayyuu hojiin ittisa yakkaa qooda fudhannaa fi deeggarsa uummataa yoo hin qabaanne milkaa’uun galma barbaadamerra gahuu akka hindandeenye hubatamaa dhufuu isaati.
Falasamni kunis adda dureedhaan dhimmoota gurguddoo sadi irratti xiyyeeffata. Isaan kunis: Waliin hojjechuu (Partineship), Rakkoo hiikuu (Problem solving), fi Jijjiirama ykn ce’umsa dhaabbataa/Institutional Transformation, yoo ta’u xiyyeefata, hojmaanni kun biyyootaa fi naannoo hojiirra ooluu eegaletti bu’aa qabeessa ta’aa waan dhufeef yeroo ammaa biyyoota addunyaa hedduu keessatti baldhinaan hojiirra oolaa jira. Falaasamni poolisummaa hawaasaa gara biyya keenyaatti dhufee ajandaa dhaabbata poolisii ta’uu kan eegale bara 1989 A.L.I. ture. Falaasamni hojimaata dhaabbata poolisii gara boqonnaa haaraatti ceesisuu fi filannoo wayitawaa ta’e kun yeroo sanatti haala ifa ta’een waan hin hubatamneef raawwiin isaas bifa garaa garaa qabataa dhufuurraan kan ka’e hanga yeroo dhiyootti sadarkaa biyyoolessaatti bu’aa qabatamaa osoo hin galmeesifne tureera.
Falaasamni poolisummaan hawaasaa haala qabatamaa biyya keenyaatiin hojiirra akka oolu wayita taasifame keessatti falaasama kana poolisii naannolee dursanii hojiirra oolchuuf sochii eegalan muraasa keessaa Poolisiin Naannoo Oromiyaa ni eerama. Haata’u malee akka kallattii hojii nageenyaa ijootti ilaalamee xiyyeeffannoon gara hojiitti jijjiiruuf hubannoon isaa waan hin babal’anneef hojimaanni falasamichaa akkaataa barbaadamuun hojiirrra ooleera jechuun hin danda’amu.
Barumsi ittisa yakkaa waggoottan kurnan darban keessatti hawaasaaf kennamaa ture qajeeltoowwan poolisummaa hawaasaarratti kan hundaa’e hin turre. Baay’ina hawaasa barumsi ittisa yakkaa kennameef lakkaa’uurra darbee jijjiiramaa fi bu’aa barumsa kennameen argame madaalaa kan deemuu miti. Walumaagalatti, hubannoon ittisa yakkaa hawaasaaf kennamaa ture akkaataa falaasama poolisummaa hawaasaa calaqqisiisuu fi haala hirmaannaa hawaasaa jajjabeessuun hin turre jechuun ni danda’ama.
Yeroon booda barbaachisummaan hojimaata poolisummaa hawaasaa hubatamaa waan dhufeef bara 2002 A.L.I. irraa jalqabee qondaaltota poolisummaa hawaasaa ogummaa kanaan leenji’an sadarkaa gandaatti ramaduun falaasamichi hawaasa keessatti akka babal’atu taasifamuu eegale. Sana booda hojiin poolisummaa hawaasaa naannicha keessatti qabatamaan jijjiirama bu’a qabeessa ta’e fiduu eegalee jira. Yeroo ammaa kanas caasaa poolisummaa hawaasaa naannoo hanga gandaatti diriirfame keessatti qondaaltonni poolisummaa hawaasaa lakkoofsaan salphaa hintaane ramadamanii hojii salphaa hin jedhamneetu hojjatamaa jira.
Gama biraatiin, hojiin poolisummaa hawaassaa naannicha keessatti mul’atu kun tarsiimoo, dambii, qajeelfama, maanuwaalii fi bu’aa qo’annoon kan deeggarame waan hin taaneef hojiin hojjatamaa turees sirna qabeessummaan isaa kan mirkanaa’e miti. Kun immoo raawwiin hojiin poolisummaa hawaasaa godinaalee, aanaalee, magaalotaa fi gandoota naannichaa keessatti gaggeeffamaa jiru garaa garummaa akka qabaatu taasiseera.
Hojimaaticha haala qabatamaa naannoo keenyaatiin hojiirra oolchuu irratti hir’inni hubannoo fi kutannoo hoggantootaa fi miseensota poolisii biratti mul’atu rakkoowwan jiran keessaa isa ol’aanadha jechuun ni danda’ama. Kanarraa ka’uun ilaalchi hojii kanaaf kennamaa turee fi jiru laafaadha. Hooggantoonni hojii poolisummaa hawaasaarraa hojii birootiif dursa keennuu, miseensota gahumsa hin qabne darbee darbee ramaduun fi miseensonni tokko tokkos hojii kana akka hojii ijootti fudhatanii kutannoon hojjachuu irra hojii poolisii kan biraa filachuun rakkoolee ilaalchaa fi hanqina hubannoo jiran keessaa kan lakkaawamanii dha. Xiyyeefannoo fi kutannoon dhimma kanarratti hoggantootaa fi miseensota sadarkaa adda addaarratti argaman bira jiru kan wal hin fakkaanne waan ta’eef galma bira gahuun barbaadamu wajjiin yoo madaalamu baay’ee kan hafu ta’uu hubachuu barbaachisa.
Kanaafuu, rakkoolee kanaa fi kan kana fakkaatan furuun hojimaanni poolisummaa hawaasaa haala barbaadamuun hawaasa bira gahee bu’aa eegamu fiduu akka danda’u taasisuuf komishinichi sochii eegaleera. Tarsiimoo fi qajeelfamoota hojimaatichi ittiin gaggeeffamu qopheessaa kan jiru yoo ta’u gara fuulduraatti hooggantoonnii fi miseensonni poolisii naannichaa sadarkaa hundarra jiran hubannoo akka argatan ni taasifama. Kana malees qooda fudhatoonni fi hawaasni bal’aan haala hojiirra oolmaa tarsimichaarratti hubannoo akka argatan hojiin hubannoo babal’isuu bakka hundatti ni taasifama.
“Nageenya amansiisaa fi itti fufiinsa qabu kallattii Tajaajila Poolisummaa Hawaasaa’’ tiin waliin haa mirkaneessinu!